Posts

Showing posts from March, 2021

SALAATA LEEYLII

Image
Salaata Leylii Rasuulli ﷺ Akkana je'an" Jannata keysa mana tokko jira, Kan yoo ala dhaabatanii laalan keessi isii mul'atu " jennaan "Yaa Ergamaa Rabbii ﷺ manni suni eenyuuf qopheeffame ?" je'aniin "Nama nyaata nyaachise, Nama salaamata facaase, Nama halkan salaataa bule osoo namni rafu" je'aniin, Sa'iid Binu Musayyab R,A, Akkana je'an: Nama halkan halkan salaataa bulu, Rabbiin ifaa nama hunda hawatu nama san uffisa, Namni nama san "eenyummaa isaa" hin beeknellee yoo argu "Ani nama kana ni jaalladha je'a", Namni tokko Hasanul Basriin Akkana je'e" Sila ummatni halkan halkan tahajjuda salaataa bulu nama hunda irraa maa fuula bareeda ?" jennaan "Jaratu Rahmaaniin waliin maqoo irraa bulee Rabbi nuura ofii irraa jara uffise" je'een, Ummata salafa darbe keysaa nama wayta du'aa jiru boohutu jira, wayta maaf boossa ? je'amuun "Salaata leylii irraa addaan bahutu garaa na nyaate ...

WAAN HIN BEEKNEE HIN DUBBATIN

Image
WAAN HIN BEEKNE HIN DUBBATIN ••••••••••••••••••••••••••••••••••••• ☼ Arrabni kee waan qalbii kee keessa jiru dubbata. Kanaafuu qalbii kankee hammeenya, hinaaffaa, jibbaa, wallaalummaa fi mamii irraa qulqulleessi. Yoo qalbiin tantee wantoota kanniin irraa qulqulloofte, dubbiin arraba kankee irraa bahus bareedaa fi jaalatamaa ta’a. ☼ Namoota ibaadaa fi islaamummaa irratti laafaa ta’an yoo argite, waa’ee isaanii jarjartee hin murteessin. Dubbii fokkotaa fi waan hamilee isaanii cabsu itti hin dubbatin. Maaltu beeka tarii namoonni sunniin karaa qajeelatti deebi’uudhaaf wal’aansotti jiran ta’a. Kanaafuu itti dhihaadhuu isaan gargaari. Garuu Maqaa itti hin baasin  *** Yeroo ammaa kana maqaa namatti baasuu fi nama arrabsuun akkaan salphaa ta’ee jira. Waa’ee namaa gaarii dubbachuurraa waa’ee nama sanii dharaa fi hammeenya dubbachuun, qilleensa oksijiinii harganuu caala laafaa ta’ee jira. Nama tokko waan hin qabneen hamtuu isaa dubbatuun ammoo dilii guddaadha. Ergamaan Rabbiitis ﷺ namni hedd...

SALAWAATAA FI FAAYIDAA INNI QABUU

Image
SALAWAATAA FII FAAYIDAA INNI QABU •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Allaahumma Salli Wasallim Alaa Nabiyyinaa Muhammad !  Nabiyyii Keenyarratti Salawaata Buusuun Sawaaba qaba. Wanni Sawaaba qabu Ibaadaadha jechuudha. Salawaanni Du’aaii Nabiif godhuudha. Rabbiin akka Sadarkaa Isaa daran ol fuudhu, akka faaruu Isaaf dabalu, akka Rahmata Isaaf guddisu kadhachuudha. Ibaadaan akka du’aaii sa’aa fii guyyaa hin qabdu. Rasuulli s.a.w Salawaata Isarratti buusuu Ilaalchiisee akkana je’e: “Namni Salawaata takka Narratti buuse, Allaahan salawaata/rahmata kudhan isarratti buusa.” Sahiiha Muslim: 384 • Salawaata takka Nabiirratti buusuu jechuun <Allaahuma Salli Alaa Nabiyyina Muhammad> <Sallallaahu Aleeyhi Wasallam> jechuu fii salaawata gosa biraarraa takka jennaan, Rabbiin nama San Salawaata kudhan irratti buusa. • Rabbiin salawaata kudhan irratti buusa jechuun Rahmata kudhan Isaaf kataba, Isaaf dabala jechuudha. Hadiisa biraa Keessatti Ergamaan keenya s.a.w akkana je’e: “Nam...

WANTOOTA IRRA CAALOO TAHAN

Image
WANTOOTA IRRA CAALOO TA'AN •••••••••••••••••••••••••••••••••• ◆◆Irra caaltuun Jaalalaa ...Rabbii fi Rasuula(saw) jaallatuudha . ◆◆Irra caaltuun yeroon namni Rabbitti dhihaatuu Sujuuda keessatti . ◆◆Irra caaltuun imimmaanii ...tan sodaa Rabbiitiif buutu, ◆◆Irra caaltuun Amantii ...tan Islaamaati . ◆◆Irra caaltuun Ummataa ...kan nabi Muhammadi (saw), ◆◆Irra caalaan kitaabaa ...Furqaani . ◆◆Irra caaltuun qaraatii Qur'aanaa ...Tajwiidaan qara'uudha . ◆◆Irra caalaan Hadiisaa ...Sahiiha . ◆◆Irra kabajamtuun manaa ...Ka'abaadha ◆◆Irra kabajamaan dhagaa ...Hajar Al- Aswadi . ◆◆Irra caalaan torbaanii ...guyyaa Jum'aati . ◆◆Irra caaltuun ji'oowwanii ...Ramadaana . ◆◆Irra caaltuun ulee ...tan nabi Muusaati (as) . ◆◆Irra caaltuun yaabbii ...tan nabi Suleeymani(as) . ◆◆Irra caalaan nabiyyootaa ...nabi Muhammadi (saw) . ◆◆Irra bareedaan namaa ...Abbaa keenna Adami (as) . ◆◆Irra qaaliin meeshaa ...tan Jannataati . ◆◆Irra ol aantuun Jannataa ...Firdowsi . ◆◆Irra caalaan maqaa k...

WAA'EE SHAMARRANII ILAALCHISEE HADIISA NAMA RIFACHIISUU

Image
Waa’ee Shamarranii Ilaalchisee Hadiisa Nama Rifachiisu !! •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Nabiin Rabbii  (SAW) gaafa Samii bahan dubartoota hedduu ibidda keessatti argan. Kan jarri haala sodaachisaan azzabamaa jiran. Subhaanallaah  "Aliyyii Ibn Abi Xaalib -akka jedhe aniif Faaximaan Guyyaa tokko Mana Rasuula Rabbii dhaqnee isaanitti Ol seenne jedhe isaanii Boo'icha hamaa boo'anii imimmaan isaanii qorop, qorop gochuu jiruu. Aliyyiin waan jedheen "Fiidaaka Abi wa Ummii " Yaa Rasuulallah Maaltu si boochise Yaa Rasuula Rabbii jedheen.  "Nabiin  (SAW) waan jedhaniin Yaa Aliyyi wanni na boochise gaafan Samii bahun dubartoota ummata kiyyarraa ta'an kan isaan Azaaba garaa garaatiin azzabamaa jiranin arge . Waanan Guyyaa san arge yaadadheen of qabuu dadhabe kanatu na boochise Yaa Aliyyi jedhaniin.  1: Dubartii tokko kan isiin Rifeensa Mataa isiitiin fannifamte ibidda keessatti, fannifamuu qofas mitii Mataan isii kan inni Falaq, Falaq je...

WAL DORGOMMII

Image
WAL DORGOMMII ••••••••••••••••••• Qabeenyaan wal irra caaluudhaaf guyyuu dorgommitti jirra. Garuu wal dorgommii aakhiraa irraanfannee jirra. *** Yeroo ammaa kana yoo namni bilbila haarawa bitatu anis bitachuu qaba jedhaa of cinqina. Akkasuma uffata haarawa namarratti yoo arginus uffatuma san bitachuu kajeella. Yoo tokko mana haarawa ijaaratus, ka isa caaluu qabaachuudhaaf hawwina. Inni tokko beekkamee yeroo addunyaa irratti maqaan isaa leellifamus, nutis akka isaa ta’uudhaaf qilee buuna……. Waldorgommiin addunyaa tun xumura hin qabdu. Garuu… Karaa islaamummaa irratti, karaa kheeyrii irratti, jannata argachuuf jecha nama wal dorgomu arguun rakkisaa dha. Namni hifzii qur’aanaa irratti wal dorgomu xiqqaadha. Namni soomanaan wal dorgomu hin jiru. Namni salaata sunnaan wal dorgomu hin jiru. Saffaa duraa argachuuf kan manaa dursee bahus dhabamee jir, Salaamtaa dursani jechuunis hafee jira. Sadaqachuu irrattis harki nu gabaabbatee jira. Ziyaaraanis haftee jirti. Walumaa galatti Jannata argachu...

SEENAA NAMA ZINAAFII KHAMRII NAANEEYSUU

Image
Seenaa nama zinaa fii kamrii naannessu kan garuu khaliifaan muslimtootaa,ulamaa'iinii fii sheekkotiin hedduun irratti salaatan ------------------------ Seenaan kun yaadannoo khaliifaa impaayera otomaan Turkii sulxaan Muraad Al-Raabi'ii irratti barreeffamee taa'ee jira. Seenaa kanas akkana jechuun dubbatan. Halkan guyyaa tokkoo sababa hin beekneen onnee koo irratti natti ulfaatee jennaan itti gaafaatamaa wardiyyoota kootii waamsisee 'ka'i mee magaalaa keessa miilaan adeemnaa' jechuun ajajeen. Imala keenya eegallee yommuu ganda tokko geenyu namni tokko daandii irratti kufee argineen. Qaama isaa sochoosuuf yaale. Namichi garuu du'ee jira. Haatahuu garuu namootni cal je'anii isa biraan dabran. Namootnis ani eenyu akka tahe hin barreeyyu. Namootatti iyyuu eegale. "Maaliif nama du'e biraan cal jettanii dabartan? Maaliif lafaa oli hin kaafneen? Koottaa haa kaafnuunii malee. Maatiin isaa hoo eessa jiran?" Jechuun gaafadhe. 'Ayii kuni bar nama k...

Seenaa Ajaa'iibaa

Image
SEENAA AJAA’IBAA TANA DUBBISAA IRRAA BARADHAA ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Gaaf tokko imaam abuu haniifaan osoo ummataa wajjin masjida deemu jiruu mucaa xiqqashaa booyaa wuduu'atta jirutti dhufan. Hoggaa khana abuu haniifaan mucaadhaan maal taatee akkana boocha je'ee gaafate, mucaaniis "yaa imaam na dhiisi mee akkanumattiin booyaa" jennaan imaam abuu haniifaan itti jajjabeeysee isa gaafannaan boodarra mucaan akkana je'een... "(ibidda ilmi namaatii fi dhagaan qabsiisu san sodaadhaa) aayata je'u san qara'eetiin dubbiin na boochifte" je'een. hoggaa khana imaam abuu haniifaan "yaa mucaa ati ganaa daa'ima xiqqaadhaa aayanni khun sin laallatuu bar" je'ee mucaatti dubbate , mucaaniis "yaa imaam sa nutuu hoggaa ibidda qabsiifnu qoraan gurguddaa dura xixiqqaadhaan eegallaa mitii" je'ee dubbii mataa nama dhukkubsitu tanaan sheekha afaan bahe. hoggaa khana sheekhni ummata isaa wajji yaa'u ...

Saayinsii fii Teknolojii Eenyuutu Ittiin Beekkamee Ture ?

Image
Saayinsii fii Teknolojii Eenyuutu Ittiin Beekkamee Ture ? Irra badaan adawwiin ilma namaa wallaaluummaa dha, wallaalummaan hanga adawwiin khee si miidhuu hin dandeenye takka si miidha. Mee Qabxilee armaan gadii jiran khana sirritti gad lallaalaa ➡ Abbaas bin farnaas nama yeroo duraatiif xayyaaraa tolche, ➡ Ibn haysam nama yeroo duraatiif fotoo kaameeraa tolche, ➡ Ibn siinaa nama yeroo duraatiif beekkomsa ji'olojii lafa khaayee, ➡ Abul qaasim azzahraawii nama yeroo duraatiif awroppaa kheessatti sarjiin godhe, ➡ Al idriisii nama yeroo duraatiif dachiin khubbaaa fakkaatuu isii itti dhaqabee lafa khaaye dha, ➡ Ibn al biixaar hayyuu biqiltuu addunyaa isa duraati, ➡ Ibnu nafiis nama yeroo duraatiif seelii dhiigaa itti dhaqqabe, ➡ Ibn khalduun nama yeroo duraatiif saayinsii haawaasummaa lafa khaaye, ➡ Abu bakar arraazii nama yeroo duraatiif beeyladaarratti dawaa itti jarrbe, Duuba hayyoonni muslimtootaa tanneeniifii khanneen biraalleen akka fakkeenyattii khaasuun ni dandayama, hayyoonni k...

SUNNAALEE GUYYAA JUMU'AA

Image
SUNNAALEE GUYYAA JUMU’AA ••••••••••••••••••••••••••••••••• Guyyaa jumu'ah Ergamaan Rabbii (S.A.W) jedhaniinii jiru hadiisa Abuu hureyraan (R.A) odeesse keessatti guyyaa kana keessa wantoota gurguddootu jiru ==>. Aadam (A.S) kan uumame ==>. Jannata kan seene ==>. Jannata keessaa kan bahe ==>. Qiyaamaanillee guyyaa kana dhaabbatti (buuti) (abuu daawudii fi nasa'ii) 1. Qaama dhiqachuu 2. Shittoo Dibachuu (dhiiraaf) 3. Rigaa fayyadamuu 4. Uffata qulqulluu uffachuu Guyyaa tana qaama dhiqachuu fi shittoo (urgooftuu) dibachuun [dhiiraaf] ni jaalatama kana ilaalchisee Ergamaan Rabbii (S.A.W) Hadiisota hedduu dubbatanii jiru kanniin keessaa yaa muslimoota.kun guyyaa rabbiin isiniif ayyaana godheedha wanta kana ta'eef qaama keessan dhiqadhaa rigaa (siwaaka ) fayyadamaa. 5. Yeroon gara masjiidaa deemuu 6. Masjiida eega gahanii booda gateettii namaa irraan tarkanfataatiin nama rakkisuu dhabuu 7. Imaamni khuxbaa gochaa jiraatus tahiyatu masjiid salaatuu 8. Khuxbaan eegalamna...

WANNI KUDHAN SI HIN FAYYADDUU!!!!

Image

ARRABA KEE TOOHADHUU

Image
ARRABA KEE TOOHADHU ••••••••••••••••••••••••••• Yeroo kankee mormii irratti hin gubin. Keessattuu namoota hammeenya namaa malee toltuu namaa haasawuu hin jaalanne wajjin wal hin mormin. Osoo haga fedhellee dhugaa jirtu itti himtee, isaan waan ati jettu sirraa fudhachuudhaaf qophaahoo miti. Durumaan qalbii isaanii cufanii jiran. Yoo namoonni oduu dharaa waa’ee kankee facaasan, hin cinqamin, namoota sanniiniifis bakka hin kennin. Deebii isaanii kennuudhaafis yeroo kankee hin gubin. Ati arraba isaanii too’achuu hin dandeettu. Garuu qalbiin tantee qulqulluu yoo taate, Rabbii kee gammachiisuu ni dandeetta. Kanaafuu, kaayyooon kee Rabbii kee gammachiisuu malee, nama ololaan deemu ittisuu ta’uu hin qabu. Yoo namoonni biroo waa’ee kankee, oduu dharaa facaasaa jiran taate, diriirfadhuu gammachuun ciisi. Warri sun, badii ati dalayde sirraa dhiqanii, toltuu isaanii ammoo siif gumaachaa jiran. Adaduma warri sun waan ati hin qabneen si hamataniin, Rabbi badii kankee sirraa fuudhaa isaanirra kaaya. ...