SALAATA LEEYLII
Salaata Leylii Rasuulli ﷺ Akkana je'an" Jannata keysa mana tokko jira, Kan yoo ala dhaabatanii laalan keessi isii mul'atu " jennaan "Yaa Ergamaa Rabbii ﷺ manni suni eenyuuf qopheeffame ?" je'aniin "Nama nyaata nyaachise, Nama salaamata facaase, Nama halkan salaataa bule osoo namni rafu" je'aniin, Sa'iid Binu Musayyab R,A, Akkana je'an: Nama halkan halkan salaataa bulu, Rabbiin ifaa nama hunda hawatu nama san uffisa, Namni nama san "eenyummaa isaa" hin beeknellee yoo argu "Ani nama kana ni jaalladha je'a", Namni tokko Hasanul Basriin Akkana je'e" Sila ummatni halkan halkan tahajjuda salaataa bulu nama hunda irraa maa fuula bareeda ?" jennaan "Jaratu Rahmaaniin waliin maqoo irraa bulee Rabbi nuura ofii irraa jara uffise" je'een, Ummata salafa darbe keysaa nama wayta du'aa jiru boohutu jira, wayta maaf boossa ? je'amuun "Salaata leylii irraa addaan bahutu garaa na nyaate ...