SODAA RABBII


           SODAA  RABBII

Seenaa Gabaabduu, Ergaa guddaa of keessaa qabdu.. mee dubbisaa, waliifiis 'share' godhaa..

Sodaan Rabbii tan dhugaa akkamitti Dilii irraa akka nama tiiysitu fakkeenya ajaa'ibaa kana keessatti sheekni kuni nuu ibsan..

Gurbaan Dardaraa tokko gama Sheekhaa dhufeeti gaafate.. “ani Ilma dardaraati, fedhii hedduun qaba, haraam laaluu irraahiis of tiysuun dadhabe magaalaa
keessatti, maal godhuutu naaf wayya?” ja’een..!!

Sheekhtichinis, kubbaayyaa tokko aannan afaanirratti guutee itti kennee,

“kubbaayyaa kana, odoo waa takkallee irraa gad hin neeyne ykn hin baleeysine magaalaa keessaan dabriitii mana ebaluu naaf geessi” ja’een..!! Darasoota isaa keessaa nama tokko yaamee jala kaaye, yoo inni xiqqo illee kubbaayyaa kana irraa baleeyse ykn xiqqollee irraa irrise, ummatuma magaalaa san duratti ulee tanaan dhawi ja’ee itti kanne..!!

Gurbaan dardaraatiis odumaa waa xiqqollee irraa hin baleeysin kubbaayyaa bakka barbaadamun gahe, sheekha biratti yeroo deebi’u.. sheekhni ni gaafate..

“Dhalaa ajinabii meeqa karaa kana irratti arkite??” ja’een.. “waa takkalleehuu of cinatti hin arkine” jechuun deebisaa kenneef.. “yoon mimilladhe aannan kuni gad naqama.. yoo xiqqo naduraa gad naqamees darastichi kuni ummata duratti na dhawa.. ulee isaatiin ofirraa sodaachaa ture” ja’een..

Sheekniniis “haalli mu’uminaa kan dhugaa akkana, yoo dilii dalage Rabbii isaa sodaata, akkasumas Xiqqeenya guyyaa qiyaamaa kan ummata dila san duratti qaanawuus ofirraa sodaata.. saniif guyyaa
qiyaamaa of dura kaayanii Dilii irraa of tiiysan!!” ja’een..!!

Obbaleeyan, Rabbi sodaa isaa tan dhugaa san dardaraa fi Dubra keenyaa fii hunda muslimtootaaf haa kennu.

 Aamiin Jattee Yoo Share goote sababa ati share gooteef namni tokko yoo qajeele wallaahi duniyaa tanaa fii waan duniyaa tana keessa jirturra siif caala!!!

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH