ADDUNYAAF HIN GABROOMIN


HIN GABROOMIN
•••••••••••••••••••

Qabeenya barbaaddu hunda eega argatteen booda waan gammaddu of seeta. Gaafa achi geettu ammoo faallaa saniitiin yaaddoon sitti bu’a. Gammachuun sirraa fagaatee, galaana gaddaa keessa daakta. Maaf akka ta’e beeytaa?...Gammachuun dhugaa mallaqa irraa osoo hin taane, iimaana fi walitti hidhata ati Rabbii kee wajjiin qabdu irraa argama. Kanaafuu gabrummaa qabeenyaa jalaa of bilisoomsi,
Rakkoon takka si mudattu hin gaddin. Gaddi onnee namaa laaffisa. Akkasumas adeemsa kee kan fuulduraa irratti danqa sitti ta’a. Gaarii yaadi, Rabbii kee irratti hirkadhu, amantii guutuu qabaadhu. In shaa Allaah gammachuu dhugaa argatta.

***

Addunyaan tun wantoota garagaraatiin guutamtee jirti. Argachuu fi dhabuun qaama jireenya addunyaa kanaati. Muslimni dhugaa qabeenyaaf bakka kennuu hin qabu. Osoo haga feene qabeenya walitti qabneeyyu, gaaf tokko keessaa bahuun keenya hin oolamu. Jireenya gammachuu argachuudhaaf mallaqa walitti tuuluun gahaadha seena. Dhugaadha, jiraachuudhaaf mallaqa qabaachuun barbaachisaadha. Ammaan tana inumaa mallaqa guddaa qabaachuu qabna. Anis mallaqa walitti hin qabatinaa jedhaa hin jiru, garuu gabra mallaqa keenyaa ta’uurraa of haa eegnu. Gammachuu keenyaa fi mallaqa walitti hidhataa godhuurraa haa fagaannu.

Waan mallaqa dhabdaniif hin gaddinaa, Waan mallaqa argattaniifis hin gammadinaa. Gammachuun keenya ibaadaa Rabbii haala gaariin dalagatuu irraa haa argamu. Qabeenya walitti tuuluu keenyaan osoo hin taane, Sadaqachuu keenyaan haa gammadnu. In shaa Allaah, gammachuu asii qofa osoo hin taane kan aakheraatis ni arganna.

Yaa Allaah

► Gabrummaa mallaqaa jalaa nu baas
► gammachuu keenya gammachuu dhugaa nuuf taasisi
► Aakhirattis warra milkaayan wajjiin jannata nu qubsiisi

By: kalaamnigaariinsadaqaa 

Comments

Popular posts from this blog

ZIKRII GALGALA JADHAMU

Utubaalee Islaamummaa Shanan

SEENAA JAABIR BIM ABDALLAH