Posts

Showing posts from April, 2021

SODAA RABBII

Image
           SODAA  RABBII Seenaa Gabaabduu, Ergaa guddaa of keessaa qabdu.. mee dubbisaa, waliifiis 'share' godhaa.. Sodaan Rabbii tan dhugaa akkamitti Dilii irraa akka nama tiiysitu fakkeenya ajaa'ibaa kana keessatti sheekni kuni nuu ibsan.. Gurbaan Dardaraa tokko gama Sheekhaa dhufeeti gaafate.. “ani Ilma dardaraati, fedhii hedduun qaba, haraam laaluu irraahiis of tiysuun dadhabe magaalaa keessatti, maal godhuutu naaf wayya?” ja’een..!! Sheekhtichinis, kubbaayyaa tokko aannan afaanirratti guutee itti kennee, “kubbaayyaa kana, odoo waa takkallee irraa gad hin neeyne ykn hin baleeysine magaalaa keessaan dabriitii mana ebaluu naaf geessi” ja’een..!! Darasoota isaa keessaa nama tokko yaamee jala kaaye, yoo inni xiqqo illee kubbaayyaa kana irraa baleeyse ykn xiqqollee irraa irrise, ummatuma magaalaa san duratti ulee tanaan dhawi ja’ee itti kanne..!! Gurbaan dardaraatiis odumaa waa xiqqollee irraa hin baleeysin kubbaayyaa bakka barbaadamun gahe, sheekha bir...

ADDUNYAAF HIN GABROOMIN

Image
HIN GABROOMIN ••••••••••••••••••• Qabeenya barbaaddu hunda eega argatteen booda waan gammaddu of seeta. Gaafa achi geettu ammoo faallaa saniitiin yaaddoon sitti bu’a. Gammachuun sirraa fagaatee, galaana gaddaa keessa daakta. Maaf akka ta’e beeytaa?...Gammachuun dhugaa mallaqa irraa osoo hin taane, iimaana fi walitti hidhata ati Rabbii kee wajjiin qabdu irraa argama. Kanaafuu gabrummaa qabeenyaa jalaa of bilisoomsi, Rakkoon takka si mudattu hin gaddin. Gaddi onnee namaa laaffisa. Akkasumas adeemsa kee kan fuulduraa irratti danqa sitti ta’a. Gaarii yaadi, Rabbii kee irratti hirkadhu, amantii guutuu qabaadhu. In shaa Allaah gammachuu dhugaa argatta. *** Addunyaan tun wantoota garagaraatiin guutamtee jirti. Argachuu fi dhabuun qaama jireenya addunyaa kanaati. Muslimni dhugaa qabeenyaaf bakka kennuu hin qabu. Osoo haga feene qabeenya walitti qabneeyyu, gaaf tokko keessaa bahuun keenya hin oolamu. Jireenya gammachuu argachuudhaaf mallaqa walitti tuuluun gahaadha seena. Dhugaadha, jiraachuudh...

FURTUU MILKII GURGUDDOO

Image