Soomana ramadana ilalaalchise hadiisota Ergamaa rabbii ((SAW)) 15
Soomana Ramadana Ilaalchisee Hadiisoota Ergamaa Rabbii ( (SAW) ) 15. Baatiin kabajamaa Ramadaana seenuuf guyyoota muraasatu nuuf hafa, Baatii Ramadaanaa keessa dalagaan tokkichi ati isii keessaatti hojjatte dacha dachaan ilaalamtu, baatii isii keessatti ibidda jalaa bararamtu, baatii Rahmataati. Duuba baatii kabajamtuu fi jaalatamtuu bu’aa guddaa harkaa nuuf qabdu kanaaf akkamitti qophaa’aa jirra. Rabbiin ittiin nuu haa gahu jecha baatii kabajamtuu tana ilaalchisee Ergaman Rabbii ((SAW)) maal jedhe kan jedhu hadiisa 15 ilaala. Hadiisa 15’n kanniin keessatti, bu’aa baatii Soomana Ramadaana keessatti argamu maal fakkaata, badhaasni isii keessatti argamu, Ergaman Rabbii ( (SAW)) akkamitti Soomaa ture, soomanni Ergama Rabbii(SAW) Maal fakkaata kan jedhu gabaabinaan akka armaan gadiitti kaa’ameera. HAALLI RAMADAANA KEESSA JIRU MAAL FAKKAATA? 1.Abuu Hureeyraa (RA) irra odeefame Ergamaan Rabbii ((SAW)) akka jedhe “Yoo Ramadaanni seenu, Balballi Jannataa ni banama, balballi ibiddaa...