Posts

Showing posts from March, 2023

Seera barbaachisaa soomanaa

Image
Seera barbaachisaa soomanaa 1-Soomana furiinsa jarjarsuu,yogguu aduun seenuu mirkaneyfatan.Nabiin s.a.w. akkana jedhan ''namni toltumarra jira waan soomana furaa jarjarseen''bukhaarii fi muslim. 2-Asheeta timiraa (Ruxaba) irratti furuu yoo dhabame timira irratti, yoo hinjiraatin bishaanitti.Nabiin s.a.w. osoo magriiba hinsalaanne dura asheeta timiraatti soomsns fura. yoo hinjiraatin timiratti yoo hinjiraatin bishaan hammaarrata.'' Tirmiziitu odesse. 3-Yeroo furan Rabbi kadhachuu.Hadiisatti ''Nama soomanaatiif yeroo soomana furu kadhaa hindeeffamneetu jira''ibnumaajah odeesse.  4-Hiraabbachuu booda aansuudhaan wajji. Hadiisatti '' hiraabbadhaa nyaanni hiraabaa barakaa qabaa''. 5-Qaamaafii arraba Badirraa uf qabuudha. Nabiin s.a.w. akkana jedhe."Soomanni wantaadha, yogguu guyyaan soomana tokkoo keessanii tahe akka hin baalaganne, akka hindogoggorre, yoo namni tokko isa arrabse yookaan isaan lole ani soomanaadha haaj...

Waan nama soomanu ibaadarratti gargaruu

Image
Waan nama soomanu ibaadarratti gargaaru 1-Sodaa Rabbii Qabaachuu fi hamtuu hundarraa uf eeguu. 2-Qaraatii qur'aanaa Heddummeessuu, Zikrii fii kadhaa Rabbii heddumeysuu, 3-Saahibban fofokkataa irraa fagachuu. Namni saahiba fakkata jallaa qabu wahuma hamtuu isarraa barata. Mammaksatti raaddi harreen wajji oolte dhuufuu barti'' jedhan.eegaa nama gaarii qajeelaa Rabbi sodaatu saahiba (shariika) godhadhaa. 4-Masgiidatti maxxanuu fii salaata jamaa'aa irratti uf tiiysuu.hanga dandeessetti yeroo hedduu masjiidatti argamuu yaalii godhi. Masjiida teessee sunnaa salaattee, zikrii gootee, Rabbi kadhattee, qur'aana qaraatee, yoo jette Sawaaba hedduu walitti tuulatte, badii dhagayuufii arguu jalaayis nagaya baate (tiiyfamte). Tanaaf gara masjiida gara masjiida. 5-Waan fedhii lubbuu namatti kakaasuu fii waan qalbii nama goggoysu laaluu irraa fagaachuu.kunis hedduudha fakkeenyaaf:-filmii fii suuraa baalagummaa fokkataa daw'achuu, kanneen televijiina, vidiyoo, intarn...

Wantoota soomana balleeysuu.

Image
Wantoota soomana balleysu 1- Qunnamtii saalaa godhuu guyyaa soomanaa, kun soomana balleessaa,garuu guyyaa isaa kanhafee soomana itti fufuu qabaa,guyyaa kana qadaa kafaluu qaba,adaba kaffaaraa guddotu isarraa barbaachisaa,-isiinis gabra tokko bilisoomsuudha,yoo hinargatin ji'a lama walitti dhaabee soomanuudha,yoo hindandayin miskiina jahaatama. 2-Nyaachuu fii dhuguu beekaadhaa kan irraanfiin hintahin, soomanni isaa nibada, guyyaa san hanga hafe soomanaan turuun dirqamaa, qadaa guyyaa fure sanii kafaluu qaba, gaabbuu, sheenawuufii towbachuu isa barbaachisa.  3-Bishaan hormaataa dhangalaasuu,osoo dammaqaa jiruu.Kan hirriibaan hintahin.Qaama saalaa harkaan uf tuttuquun,jaarsaaf jaartiin walqaqqabuun,waldhungachuufi walhammachuun tahuu Bishaan hormaataa dhangalaasuu. Kunis Adabuma akka nama beekaa nyaataa fi dhugaatiin fureettu isarra jira.  4-Limmoo nyaataa godhachuu,tan isiin nyaataafi dhugaatirraa duroomuu danda'an. 5-Limmoo dhiigaa godhachuu,dhiga nama biro karaa li...

ulaagalee somanni dirqama itti tahuu.

Image
Ulaagaalee soomanni itti dirqama tahu 1-soomanni dirqama taha hunda nama muslimaa,qalbiin fayyaa,kanufbaree,kan soomana danda'uu,taa'aa biyyaa kan karaa deemaa hintahin, waan soomana dhoowurraa qulqulluu kantahe hundarratti dirqama. 2-kaafirri soomanuun  isaaf hintahu, soomanus irraa hinqeebalamu, 3-joollee xiqqoo  soomanni irratti dirqamaa miti, garuu yoo soomanan nitahaaf, inumaa leenjiif jecha soomansiisuun barbaachisaadha. 4-maraataan waan soomanuuf hinqabu , irraayis hinqeebalamu. 5-Dadhabaan akka  dhukkuba irraa hinfayyineen qabamee faa, nifura, guyyarraa beelawaa tokko nyaachisa. 6-Dhukkubsataan  fayyuun isaa kajeelamu yoo dadhabe nifura, eega fayyee ammo qadaa kafala. 7-Dubartiin ilmoo hoosftuufi  tan garaa qabdu yoo soomanni itti ulfaate yookaa ilmoo isiirratti miidhaa fidaa sodaatte nifurti, booda garuu qadaa kafalti. 8-Namni nama halaakamuu  deemu -kan bishaan nyaatee fi kan ibiddi gube- dhaqqabee baasuuf deemu yoo furuun isa barbaach...

Mee Ramadaan maaliin simannaa?

Image
Mee Ramadaana maaliin simanna? Soomana Ramadaanaa wanni simannuun kunoo kanneen kana. 1-Towbaa dhugaatti jarjaruun, istigfaara, zikrii fii qaraatii qur'aanaa heddumeessuun. 2-barnoota barbaachisaa wayee somanaa barachuun. 3-yeroo soomanaa caaltuu tana hojii gaaritti akka fixu murteeffachuun. 4-Yeroon Ramadaanaa qaaliin tun daddafte akka dhumtuu fii namni jajjabaatee dalage akka milkaayu, kan talisoome akka sheenawu hubachuun. 5-Waan jibbamtuu mana keessa jirtu hunda ufirraa dhabamsiisuun.kana jechuun suuraalee wan lubbuu qabuu tan adda addaa, meeshaalee mooziqaa, kaartaa fi qumaara adda addaa,  kasetoota sagalee mooziqaa, filima vidiyo baalagummaa, televijina baalagummaa fii jallina dabarsu, meeshaalee intarneetaa tan baalagummaa barsiistuu fi kanneen kana fakkaatan hundarraa mana isaa qulqulleessuu qaba. 6-Rabbiin s.w. galatoomfachuudhaan waan ji'a guddaa kanaan nugayeef. -nama wallole manguddummaan walitti araarsuudhaan, ka waliin oodu walitti tolchuudhaan, Ramada...

Sadarkaa soomanaa Akkataa waliigalatti

Image
Sadarkaa soomana akka waliigalaatti 1-galanni soomanaa lakkoofsaan malettii heddummaatee galfama. 2-soomanni haalaa amala hamaa hundarraa nama tiiksa. 3-Namni soomanaa yeroo soomana isaa furuu fii guyyaa fuula Rabbii isaa dhaqus soomana isaatiin nigammada.  4-Fooleen afaan nama soomanaa Rabbi biratti hafuura miskiirra urgooyti. Rgaan waan dabarsine kanaa, Abii hureeyraan Nabiin keenya s.a.w. akkana jedhan jedhe ''Rabbiin oltahee qulqullaayee akkana jedhe-hundi dalagaa ilmaan aadam isumaafi soomana malee inni naafi, anumaatu galata galcha isarratti, soomanni wantaadha, yeroo guyyaan soomana tokkoo keessanii tahe akka hinbaalaganne, akka hinwacne, yoo namni tokko isa arrabse yookaan isaan lole ani soomanaadha haajedhuunii, Isaa (Rabbii) lubbuun Muhammad harka isaa keessa jirtuun kakadhee ciinca afaan nama soomanuuttu Rabbi biratti hafuura miskiirra urgaawa, nama soomaneef gamachuu lama tan inni isii gammaduutu isaaf jira, yogguu fure furuu isaatiif gammada, yogguu fuu...